Teeknooloojii
Miidiyaa Hawaasummaa Tiiktook, bituuf dhaabbanni teeknooloojii biyya Ameerikaa Maayikiroosooft fedhii akka qabu ibsame.

Miidiyaa Hawaasummaa Tiiktook, bituuf dhaabbanni teeknooloojii biyya Ameerikaa Maayikiroosooft fedhii akka qabu Pirezidaantiin Ameerikaa ibsan.
Dhaabbanni Tekinooloojii abbummaan isaa kan lammii Ameerikaa ta’e Maayikiroosooft Tiiktookii bituuf akka jiru, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp himan.
Tiraamp tiiktookiin Ameerikaatti amanamummaa akka qabaatuuf yoo xinnaate qoodasaa dhibbeentaa 50 lammiilee Ameerikaatti gurguruu qaba amantaa jedhu qabu.
Pirezidaantiin Ameerikaa duraanii Joo Baayidan xumura bara aangoosaanii jala tajaajilli Tiiktookii Ameerikaa keessaa akka cufamu taasisanii turan; haata’u malee, Tiraamp aangootti dhufanii yeroo muraasa keessatti tajaajilatti akka deebi’u ta’e.






