Teeknooloojii

Appilikeeshinii Chaayinaa ‘DeepSeek’ irra haleellaan Saayiberii gahe.

Appilikeeshiniin gargaaraa hubannoo namtolchee ‘AI’ jedhamuun maqaa DeepSeek’n as baheefi argannoo Chaayinaa ta’e kun hojiirra oolee yeroo muraasa keessatti fudhatama guddaa argatee ture kana irra haleellaa saayiberii gahe.

DeepSeek Appilikeeshinii Ameerikaa ‘ChatGPT’ jedhamuun kan dorgomuufi barbaadamummaansaas haalaan dabaluunsaa himamuu eegalee guyyoota muraasa gidduutti miidhaan saayiberii kun irra gahe jedhame.

Akka gabaasa ‘The Guardian’nitti Appilikeeshinii kana namoonni dursanii banatan itti fayyadamnisaa kan jalaa hin badne ta’uuf maamiltoonni haaraan garuu banachuu akka hin dandeenyedha gabaase.

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button