OduuOduu Biyya keessaaSiyaasa
Barattoonni musliimaa Aksum hijaaba akka uffataniif murtoo Mana Murtii Aanaa Aksum murteesse manni murtii godinaa raggaasise.

Qubee TV (Ebla 10, 2025) Finfinnee!
Naannoo Tigraayitti Manni Murtii Aanaa Aksum qajeelfama manneen barnoota magaalattii barattoonni Musliimaa hijaaba akka hin uffanne dabarsan dhorkuun murtoo dabarse Manni Murtii Godina Giddugaleessaa raggaasise.
Manni Murtii Aanaa Magaalaa Aksum murtii Amajjii 18, 2025 dabarseen, ajajni bulchiinsaa manneen barnoota magaalattii shan dabarsan galmeen kun hanga furmaata argatutti ykn ajajni biraa hanga kennamutti yeroof ugguramee akka turu ajajuu ni yaadatama.
Haata’u malee uggurri manni murtii aanaa Aksum dabarse kun hanga ammaatti manneen barnoota kanaan hojiirra akka hin oolleefi barattoonnis gara barnootatti akka hin deebine odeeffannoon Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Tigraay irraa arganne agarsiisa.


