Ofeeggannoo Hawaasa naannawa sarara baaburaa Itiyoo-Jibuutii jiraniif

Qubee TV (Ebla 5, 2025) Finfinnee
Saffisni baabura Itiyoo-Jibuutii sa’aatii tokkotti km 37 ture gara km 60 ol guddate.
Tajaajilli Geejjibaa Baaburaa Itiyoo-Jibuutii saffisi baaburaa sa’aatii tokkotti kiiloo meetira 37 ture gara kiiloo 60tti ol waan ol guddateef hawaasni of eeggannoo akka taasisu dhaame.
Waldaan Aksiyoona Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Faanaa Dijitaalitti akka ibsetti, tajaajilli geejjibaa baaburaa Itiyoo-Jibuutii tibbana lakkoofsi imala guyyaatti taasisu lama irraa gara saddeetitti ol guddiseera.
Saffisni baabura kanaa sa’aatii tokkotti kiiloo meetira 37 irraa gara kiiloo meetira 60tti ol guddachuu akeeke.
Saffisni baabura kanaa dabaluu isaatiin hawaasni daballii saffisaa taasifame hubachuu dhabuun balaadhaaf saaxilamaa akka jiru eerame.
Kanaaf, jiraattonni naannawa sarara baaburaa Itiyoo-Jibuutii jiran saffisi baabura kanaa kan duraan ture irraa dabaluu hubachuun of eeggannoo akka taasisan waldichi hubachiise.
Waldaan Aksiyoona Baaburaa Itiyoo-Jibuutii kaffaltii beenyaa kanaan dura yeroo balaan qaqqabu kennamaa ture dhaabuu isaas beeksise.




