Ispoortii

Waancaa Addunyaa haaraa bara 2030 irratti biyyoonni 64 hirmaachuuf yaadni akka jiru ibsame.

Waldaan Federeeshinoota Kubbaa Miilaa Addunyaa FIFA’n baayyina biyyoota waancaa addunyaa irratti hirmaatanii gara 64tti guddisuuf yaada qabaachuun himame.

Pirezidaantiin FIFA Jiyaanii Infaantiinoo, karoorri A.L.A bara 2030 hojiirra oola jedhamee yaadame kun, FIFAdhaan xinxalamaa jiraachuu dubbatan.

A.L.A bara 2030tti waggaa dhibba tokkoffaan Waancaa Addunyaa itti eegalame ni kabajama jedhamuu isaa hordofee walgahii FIFA’n taa’e irratti yaanni kun ka’uudha Niwu Yoorki Taayims kan gabaase.

A.L.A bara 2030tti waggaa dhibba tokkoffaan Waancaa Addunyaa itti eegalame kun wayita kabajamu ammoo, biyyoonni yeroo jalqabaatiif waancaa addunyaa qopheessan Uraagaay, Arjentiinaafi Paaraaguway akkasumas Ispeen, Poorchugaaliifi Morookoon, gamtaadhaan waltajjicha akka qopheessan filataman.

FIFA’n yeroo jalqabaatiif biyyoota tapha waancaa addunyaa bara itti aanu qophaahu irratti hirmaatan 32 irraa gara 48tti guddisuun isaa ni yaadatama.

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button