
Qubee TV (Bitooteessa 23, 2025) Finfinnee!
Shaampiyoonaa fiigicha mana keessaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Chaayinaa Naanjiingitti dorgomamaa jiruun Atileet Gudaaf Tsaggaayiin meedaaliyaa Warqeefi Dirribee Waltajjiin Meetii Itoophiyaaf argamsiisan.
Dorgommii meetira kuma 1fi 500 dubartoota gidduutti dorgomameen Atileet Gudaaf Tsaggaayiin fageenyicha daqiiqaa 3:54.86 xumuraan 1ffaa yoo baatu, Atileet Dirribee Waltajjiin daqiiqaa 3:59:30’n xumuruun sadarkaa 2ffaa bahan.



