Oduu

Taphataan sarara gidduu Maanchister Siitii Keevin De Burooynin kilaba isaa gadi dhiisuufi.

Qubee TV (Ebla 4, 2025) Finfinnee!

Taphataan sarara gidduu garee biyyaaleessaa Beeljiyeem Keevin De Burooyni xumura bara dorgommii kanaatti Maanchister Siitii akka gadi dhiisu himame.

De Burooyni A.L.A bara 2015nitti ture maallaqa riikardii Maanchister Siitii ta’e Paawundii miiliyoona 55 Wolfisbargirraa gara Ethaad kan dhufe.

Turtii Maanchister Siitii keessatti dabarseenis Waancaa Shaampiyoonsliigii tokko, Piriimeerliigii jaha, Waancaa FA lamaa fi Waancaa liigii Kaappii shan injifachuu danda’e.

Dargaggeessi ganna 33 kun Maanchister Siitiidhaaf taphoota 413 irratti hiriirun goolii 106 galche.

leenjisaan Maanchister Siitii Peep Guwaardiyoolan yeroo waa’ee taphatichaa dubbatan “De Burooyni taphattoota ciccimoo sarara gidduu dachee Ingilaandirratti taphatan keessaa isa tokko” jechuun ibsan.

Taphatichi akkuma Maanchister Siitii gadi dhiisen gara kilaboota Sa’udii Arabiyaa imaluu akka danda’u BBC’n gabaase

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button