
Ministirri Muummee Itoophiyaa duraanii Haayilamaariyaam Dassaalany, Pireezidaantii Naayijeeriyaa duraanii Oliiseenjoo Obaasaanjoofi Pirezidaantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaattaan adeemsa nagaa Bahaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo mijeessuuf Hawaasa Misooma Gaanfa Afriikaafi Hawaasa Baha Afrikaatiin filatamuun isaanii ibsame.
Hoggantoonni duraanii sadan Hawaasa Misooma Gaanfa Afrikaafi Hawaasni Baha Afrikaa Guraandhala 8, 2025 adeemsa nagaa mijeessuuf yaa’ii waloo Taanzaaniyaa Daaresalaam keessatti gaggeeffameen filtamuu isaanii “Citizen Capital” gabaase.
Filannoon hoggantoota kunneen adeemsa nagaa adda addaa Luwaandaafi Naayiroobiitti gaggeeffaman qindeessuuf tarkaanfii fudhatame akka ta’e kan himame yoo ta’u, kunis naannoo walitti bu’iinsaan miidhame keessatti tasgabbii fiduuf dhiibbaa haaraa ta’uu agarsiisa.
Murteen kun kan darbe marii hoggantoota biyyootaa Hawaasa Misooma Afrikaa Kibbaafi Hawaasni Baha Afrikaatiin gaggeeffame hordofuun yoo ta’u, isaanis haala nageenyaa Baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo irratti mala qindaawaa qabaachuun barbaachisaa ta’uu cimsanii ibsan.
Baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti humnoota mootummaa biyyattiifi garee hidhate M23 gidduutti waldhabdeen uumamee lubbuu namoota nagaa hedduu akka galaafate gabaafame.


