Ergaa Lammiilee Itoophiyaa daangaa Taaylaandiifi Maaynamaaritti haala rakkisaa keessa jiran irraa ergame.


Ani maqaafi ogumman koo akka hin ibsamne kanin barbaadu yaada koo akka Armaan gadiittan ibsa: Jalqaba gaafan gara biyya kanaa dhufu kan na fide Daallalaadha. Innis kan jedhe, maallaqni guddaan doolaara 1500 ta’u akka naaf kaffalamuufi gosti hojii hojjettamuu hojii kompitaraa akka ta’e natti himeetu.
Biyyatti hojii gaariifi maatii kanin qabu yommun ta’u gaafan as gahu garuu dubbiin faalla ta’e argame. Gaafan as gahu jechuun buufata xiyyaaraa Taayilaand gahu simannaan nuuf godhame konkolaachisaafi namni dhuunfaa nu simatanii gara biyya Maayinamar bakka hojichaa nu geessan.

Biyya Maaynaamar osoon gahiin namoonni daangaa irra jiran yaabala( doonii) xiqqoodhaan gara hojichaatti nu ceesisan. Achii gara hojiitti seenne. Garuu, osoo hojiitti hin galin bilbilliifi paaspoortiin keenya nurraa fuudhame quunnamtii biraa akka hin gooneef ykn akka hin baaneef. Sana booda gara hojii hannaa ykn ‘scam’ hojjachuutti seenne.
Hojiin kun kompitaraan walqabata, Namoota irraa maalaqa waliin dhooftee maallaqa galchitaaf garee hattuu( mafia) kanaaf. Sanaafis, hammi ati galchitu daangaa qaba. Bakka tokko tokkootti Doolaara kuma 15 isaa ol ji’aan yoo ta’u bakka biraatti immoo Doolaara kuma 10 galchita namaan jedhu.
Yoo kana gochuu baanne adabbiin nu eegu adabbii hamaadha. Isaanis: Reebicha mana dukkanaa keessatti hidhamtee guyyoota muraasaaf nyaataafi dhugaatii malee, shiboo Elektiriikiin waadamuu, afaaniifi harki kee ukkaamamee ykn saamsameefi hidhamee reebamta, kaffaltii mindaa malee tola hojjechaa turre.
Bakki hojii Daangaa biyya Taayilaandiifi Maaynamaar yoo ta’u bakkichi daanga Maaynamaar kayin kan jedhamtu yoo ta’u maqaan kaampanichaa Kwaattii kaampaanii jedhama.
Walumaa gala amma lammileen Itoophiyaa achi jirru kaampii Waraanaa D. K.B. A jedhamu keessa namoota 246 taanee jirra.
Garee Maafiyaa chaayinaa kan jalaas waraanuma D. K. B. A ( Democratic Karen Buddhist Army ) kanatu nu baasee to’annaa isaanii jala jirra.
Haa ta’uutii bakka amma jirrutti garuu gareen maafiyaa chaayinaa kun bakka amma jirruttillee dhufanii hojiitti akka deebinuuf gaafachaa jiru garuu nuti didnee of irraa dhorkaa jirra.
Guyyaatti nyaatn nuti nyaannu yeroo tokko yoo ta’u innuu dafee nun qaqqabu qulqullinas hin qabu, Bitannee nyaachuuf namni maallaqa hin qabu, Namoonni baayyeen dhukkubsachaa jiru.
Dubartootni ulfaa nu gidduu jiru, Kanaan wal qabatees dhimma keenya akka hordofuuf imaanaa kan fudhate Imbaasii Itoophiyaa Tookiyoo jiru ture. Innis dhimma keenya hordofaa akka tureef garuu immoo humni waraanaa nuti harka jirru kun riphee lolaafi beekamtii idil addunyaa kan hin qabne waan ta’eef walii galtee irra osoo hin gahiin akka jirantu nutti himama.
Kanaan walqabatees qaamni maafiyaa chaayinaa kun hidhata cimaa garee riphee lolaa kana waliin waan qabuuf akka barbaade mooraa nuti jirru seenee hojii yakkaafi hannaa kanatti nu deebisuuf yaalii guddaa gochaa jira.
Har’a illee mooraa keessa turan. Kanaaf egereen keenya yaaddoofi sodaa guddaa keessa jira gara lafa gidiraa sanaatti nu deebisu jennee. Kanaaf qaamni dhimmi isaa ilaaluufi mootummaan Itoophiyaa tumsa barbaachisu godhee asii yoo nu hinbaasiin aarsaa guddaa kaffaluuf deemna.
Inni biraan kirkirri lafaa hamaan yeroo darbee Maaynaamariifi Taaylaanditti muddate lubbuu namoota baayyee fixe illee sodaa guddaa nuti uumeera. Biyyoonni hedduun nu biraa lammilee isaanii baafataniiru biyyoonni hafan afur kan hin Caalleefi isaanuu dhihoo akka baafatan nutti himaa jiru lammileen biyyoota kanaa. Lammiin akka biyya dhabaatti gidirfamaa jiru lammilee Itoophiyaati.


