AddunyaaOduuSiyaasa

Lammiileen Itoophiyaa daangaa Taaylaandiifi Maaynamaaritti haala rakkisaa keessa jiraachu himan.

Lammiileen Itoophiyaa daangaa Taaylaandiifi Maaynamaaritti haala rakkisaa keessa jiraachu himan.

Lammiileen Itoophiyaa kunneen jireenya fooyya’aa argachuuf dallalaadhaan gowwomfamanii biyyaa bahan.

Yeroo biyya Taaylaand gahan garuu haala hin yaadamneen butamuun daangaa Maaynamaariifi Taaylaand gidduutti dirqiidhaan hojii hanna karaa intarneetii ykn ‘scam’ irratti bobbaafaman.

Lammiileen kunneen yeroo bakka hojii hannaa kana turanitti reebichaafi doorsisni irratti geggeefama turuun dirqiidhaan hojii kana akka hojjecha turan ibsu.

Yeroo ammaa kanas bakka turan irraa qaama riphee lolaa daangaa biyyoota lamaanii jiruun bahuun iddoo tokkotti walitti qabamuun rakkoo hamaaf saaxilamuu himachuun mootummaan akka isaaniif qaqqabuuf gaafachaa jiru.

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button