AddunyaaIspoortiiOduu

Meesuut Ooziil paartii siyaasaa Pireezidaantiin Turkiyyee Erdohaan hogganutti makame.

Taphataan garee biyyaalessaa jarmaniifi Arsenaal duraanii Meesuut Ooziil paartii siyaasaa AK Pireezidaantii Turkiyyee Resiip Tayyip Erdohaaniin hogganamutti makamuun ibsame.

Riyaal Maadridiifi Arsenaaliif taphachaa kan ture Meesuut Ooziil Paartii Turkiyyee Bulchutti makamuu SKY Sport gabaase.

Ga’eessi umrii waggaa 36 Ooziil hariiroo cimaa kanaan dura Pireezidaantii Turkiyyee Rasiip Xaayib Eerdohaan waliin qabuun qeeqamaa ture.

Sababa kanaan Bara Faranjootaa 2018 garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Jarman keessaa of baasuun kan yaadatamuudha.

Meesuut Ooziil Kilaboota Gurguddoo Awurooppaa keessatti taphataa kan tureefi Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Jarman waliinis Waancaa Addunyaa fudhachuun isaa kan yaadatamuudha.

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button