AddunyaaOduuSiyaasa

Pireezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleeniskiin Ameerikaa wajjin waliigaltee mallatteessuuf qophiidha jedhan.

Pirezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleeniskiin, biyyi isaanii Ameerikaa wajjin waliigaltee albuudaa mallatteessuuf qophii ta’uu himan.

Pirezidaant Zeleniskiin kana kan beeksisan erga Jimaata darbe Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp wajjin walitti dheekkamuudhaan gargara deemanii booda ta’uun eerame.

Hariiroon Ameerikaafi Yuukireen rakkoo godhachuu kan eegale, erga Ameerikaan dhimma Yuukireen irratti Raashiyaa waliin marii eegaltee as akka ta’e gabaasaaleen ni mul’isa.

Waliigalteen albuudaa Ameerikaafi Yuukreen walii mallatteessuu yaadan kun, hariiroo nageenyaa biyyoota lamaanii jabeessuuf yaadameeti jechuun BBC’n gabaase.

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button