Oduu

Finfinneetti boba’aan liitira 1,200 seeraan ala geejjibsiifamuuf ture to’atame

Finfinneetti boba’aan liitira 1,200 seeraan ala geejjibsiifamuuf ture to’atame

Qubee TV ( Bitooteessa 16, 2026) Finfinnee!

Poolisiin Magaalaa Finfinnee boba’aa liitira 1,200 (barmeela 6) seeraan ala magaalaa keessaa gara naannoo biraatti geejjibamuuf ture to’annoo jala oolchuu beeksise. shakkamtoonni yakka kana raawwatan buufata boba’aa naannoo Massaallamiyaa keessatti argamu irraa boba’aa kana fe’anii osoo geejjibaa jiranii to’annoo jala ooluu poolisiin Finfinnee ibse.

Poolisiin kutaa bulchiinsa magaalaa Lidetaa akka ibsetti, shakkamtoonni to’annoo jala oolan Ashannaafi Xilahuun kan buufata boba’aa irratti taankii boba’aa hojjatuu fi konkolaachisaa Sulxaan Teklayii to’achuu ibse.

Akkasumas, shakkamtoonni kunneen naannoo ‘Peepsii’ jedhamuun beekamu Finfinnee Kutaa bulchiinsa magaalaa Lidetaa aanaa 5’tti konkolaataa FSR’ lakkoofsa galmee 3-A55857 qabuun boba’aa liitira 1,200 buufata irraa fe’anii osoo geejjibaa jiranii to’ataman.

Poolisiin akka ibsetti, shakkamtoonni boba’aa kana daangaa magaalaa keessaa gara alaatti karaa seeraan alaa geejjibsiisuuf yaalii taasisaa turan.

Waajjirri Poolisii Finfinnee ibsa baaseen buufataalee boba’aa, hojjettoota isaaniifi namoota dhuunfaa oomisha boba’aa dhoksanii yookaan seeraan ala geejjiban irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu itti fufuu isaa beeksise.

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button