AddunyaaOduuSiyaasa

Pireezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleeniskiin Saffisaan waraana dhaabuuf hojjechuuf qophiidha jedhan.

Pirezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleeniskiin, Yuukireen nagaan akka bu’u waadaa galte akka kabajju irra deebiidhaan ibsa X isaanii irratti baasaniin beeeksisan.

Waraanni dhuma hinqabne tokkoon keenyayyuu hinfayyadu jedhan.

Yuukireen nagaa waaraa fiduudhaaf daftee gara taa’anii mari’achuutti dhufuuf qophii ta’uu ishee Zeleeniskiin beeksisan.

Lammiilee Yuukireen caalaa namni nagaa barbaadus hin jiruu jedhan.

Kanaafuu garee isaanii wajjin nagaa waaraa fiduuf hoggansa cimaa Pirezidaantii US Ameerikaa Doonaald Tiraamp jalatti hojjechuuf qophii ta’uu eeruun, Zeleniskiin gocha isaanii duraatti gaabbii qabaachuu dubbatan.

Waraana biyyi isaaniifi Raashiyaan itti jiran kana xumuruuf saffisaan hojjechuuf qophii ta’uus himan.

Waraana kana dhaabuudhaaf Raashiyaan kan itti waliigaltu yoo ta’e, sadarkaan duraa hidhamtoota gadhiisuu, haleellaa samiirraa dhaabuu, misaa’elootarra dhorka kaahuu, diroonota fageenya dheeraa deemanirra dhorkaa kaa’uufi humna ibsaafi misoomawwan bu’uuraa sivilootaa haleeluu dhiisuu, akkasumas galaana keessaanis dhukaasaa dhaabuu kan dabalatu ta’uu isaa beeksisan.

Itti aansuudhaan ammoo saffisaan gara sadarkaalee itti aananitti US Ameerikaa walin irratti hojjechuun waliigaltee dhumaa cimaa ta’erra gahama jechuu isaanii, abc News’fi BBC’n gabaasan.

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button