Biznasii

Waggaa 20ffaa Hundeefama Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa sagantaa gara garaatiin kabajamaa jira.

Guraandhala 29, 1997 hundaa’ee tajaajila kennuu kan eegale Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa,

waggaa 20ffaa Hundeefama isaa ‘Pirojaktii 20, kabaja ayyaana waggaa 20ffaaf’ mataduree

jedhuun sagantaalee hawaasaaf bu’aa buusan gara garaan ji’a Bitootessaa guutuu kabajaa ture.

Kaleessa guyyaa galateefanna hojjattootaati, ganama hojjattoota isaa galateeachuun

eegalee, waajjira muummee distiriktotaatti akkasumas magaalaawwan gara garaatti iddoo

20tti arjoomni dhiigaa bal’inaan taasifame.

Guyyaa har’as dameelee baankichaa hundatti, waajjira muummeetti sagantaa

adda addaatiin kan kabajamaa jiru yommuu ta’u, seera aadaa mirga dubartootaa kabajsiisu

‘Siinqee’ mul’isuuf moggaafameen, hojjattoota dubartootaa qofaan tajaajila kan kennu damee

Siinqeetti waltajjii qopheesseen ‘Guyyaa Dubartootaa Addunyaa’ dubartoota baankichatti hojii gaggeessummaa irra jiran waliin kabajameera.

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button