AfrikaaOduu

Lammiileen Itoophiyaa Maayinaamaaritti haala rakkisaa keessa turan 32 gara biyyaa deebi’an.

Lammiileen Itoophiyaa Maayinaamaaritti haala rakkisaa keessa turan 32 gara biyyaa deebi’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Mootummaan hojii Dippiloomaasii lammileerratti xiyyeeffate hojjeteen lammiileen kunneen gara biyyaa akka deebi’an taasiifamuu ibse.

Lammiileen Maayinaamaaritti haala rakkisaa keessa turuun gara Taayilaandi ce’an 133 keessaa 32 har’a kan deebi’an ta’uu fi 43 ammoo har’a halkan ni deebi’uun eegama.

Lammiilee Taayilaandi jiran 58 hafanis gara biyyaa deebisuuf tattaaffiin taasiifamaa akka jiru ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button