Poolisiin Finfinnee du’a Qananii irratti garee qorannoo hundeessee qorachaa jiraachuu ibse.

Poolisiin magaalaa Finfinnee du’a Qananii Addunyaa ilaalchisee erga odeeffannoon isa qaqqabee kaasee garee qorannoo hundeeessee qorachaa jiraachuu beeksise.
Poolisii magaalichaa ibsa har’a baaseen, kutaa magaalaa Lammii Kuraa aanaa 3 bakka addaa manneen Saanshaayin jedhamu fuuldura gamoo Wuddaaseerra kan jiraattu Qananiin Bitootessa 01, 2017 ALI halkan keessaa naannawaa sa’aatii 10:00 manashee darbii 5ffaa irraa kufuu ibse.
Wallaansaaf gara Hospitaala Yaanet osoo geeffamaa jirtuu lubbuun ishee darbuu kan eere, odeeffannoo akkuma isa qaqqabeen garee hundeessuun ragaalee teeknikaafi taaktikaa walitti qabuu ibse.
Poolisiin yeroo Qananiin gamoorraa kufte sanatti mana keessa kan ture abbaa warraashee Andu’aalam Gosaa to’annoo jala oolchee qorachaa akka jiru ibsuun, qorannoo dhumaa ummataaf ifa akka godhu beeksise.
Bu’aa qorannoo poolisii dursee odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasaa gara garaa irratti tamsa’aa jiran sirrii akka hin taaneefi adeemsa qorannoo gaggeeffamaa jiru irratti dhiibbaa hin malle uumuu waan danda’uuf namoonni gocha isaaniirraa akka of qusatan hubachiise.




