Qonna Arfaasaatiif xaa’oofi sanyii filatamaan yeroon dhiyaachuun ibsame.

Biiroon Qonna Oromiyaa Qonna Arfaasaatiif xaa’oofi sanyii filatamaan yeroon dhiyaachuu ibse.
Biiroon Qonna Oromiyaa qonna arfaasaafi dhiyeessii callaa guddistuufi oomisha bunaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenne.
Callaa guddistuu qonnaan bultootaaf yeroon dhiyeessuun walqabatee rakkoon ture amma furamuu Hogganaan Itti Aanaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan himan.
Xaa’oon godinaaleefi aanaaleef raabsamaa jiraachuus eeran.
Xaa’oon kallattiin qonnaan bulaa bira akka qaqqabuufi qaama dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa akka jirus himan.
Bara Oomishaa kana xaa’oo kuntaala miiliyoona 10.5 qonnaan bulaaf dhiyeessuuf hojjetama jira jedhan.
Qonnaan bulaan tiraakteraafi koombaayinara liqiin akka argatu haalli mijachuu kaasan.
Buna Qulqullina qabu oomishuun gabaa addunyaaf dhiyeessuuf xiyyeffaannoo olaanaa hojjetamaa akka jirus himan.
Gabaan Bunaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufuu eeruun, Qonnaan bultoonni, yuuniyeenoonni akkasumas waldaaleen garaagaraa Buna of harkaa qaban gabaaf akka dhiyeessan gaafatan.




