OduuOduu Biyya keessaa
Manni maree dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa Sagantaa Ifxaaraafi galii wolitti qabuu gaggeessuuf jedha.
Manni maree dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa gaafa Ramadaana 15 irraa sagantaa Ifxaaraa Hoteela Iskaayilaayititti kan gaggeessu yoo ta’u, guyyoottan sadi’iif walitti fufuun sagantaa galii wolitti qabuu ni gaggeessa.
Sagantaan galii walitti qabuu kunis kan taasifamu gamoo biiroo mana marichaafi madda galii mana marichaaf ta’u bituuf qophii taasifamaa jiru ilaalchisee akka ta’e Pireezidaantiin mana marichaa Sheek Gaalii Muktaar ibsan.
Ibsa har’aa kana kan kennan Pirezidaantiin Majilisa Oromiyaa Sh/Gaalii Muktaar I/A/Pireezidaantii Sheek Xaahir Abdulqaadir dabalatee Koree ambaasaaddaroota galii mana marichaas bakka argamanitti.




Gallery section



